|
Mamaaksa
Oromo
A.
Ala ilaalani keesaa dhugu
Afaanii ba’e, gooftaa namaa
ta’a
Akka abaluun sirbaan marma
nama jal’isa
Akka baran dhiisani, akka
baraa bulu
Akka fuudhaan natti fuudhe,
hintala abbaa qoro na fuusisee, adaraa abbaa koo naan jetti
Akka taate hataatu, ilmi
abbaatti habaatu
“Akkan beekutan of ajjeesa”
jette jaartiin muka shumburaati of fannifte
Akkasumati daggala ta’ani,
hantutni namati galtee namati dhalte
Allelladheen fuudhaan,
fuudha male nama hambisa
Amalaaf abidda keenyan keesa
hin kaa’ani
Ana ha nyaatuun quufa hin
ta’u
Ani waanan argeargeeraa,
karaa awaala abbaa keesani hin ba’inaa jette jaartiin
Atoomaratti foonni tafkii
cidha galcha
Ayyaanaaf fagaara wajjin
dhalatu
B
Baraa fi murxxuxxee gad
jedhani jela darbu
Barcumaa fi ulfina abbaatu
of jela baata
Barrii lafa hin ba’u
Bineensi dura argan nama hin
nyaatu
Bishaan garace’aniti daaku
Biyya abbaa koo jette
jaldeesi dhagaa irratti hafte
Biyya goophon baay’ate, isa
ol jedhee deemutu fokkisa
Bor hin beekneen buko koo
fixxe
Boora’u male hin calalu
Bunaaf mooti afaan duwwaa
hin dubbisani
Buqqee xuweerra hafee ta’e
C
Callaa fi salphina hin
quufani
Caa jettu caa jetta male
waan hiriyaan koo naa kenne hin dhiisu jedhe namichi fatte nyaate
D
Dagataa utubaan si’a lama
dha’aa
Damma utu mi’aawu qadaadu
Dhimmaa fi abbaatu qoricha
Dubbiin yoo baay’ate
harreeti hin fe’ani
Dhiirri dubartii hin
dubbifnne raatudha; Dubartiin dhiira dubbiftu maraatudha
Dura qalbiitu dhiba; booda
humnatu dhiba
E
Egaa maal jennaree jedhe
jaarsi saawwa gatee
Ergan hagee naa bantaa jedhe
namichi mana keesatti alba’ee
F
Fardii harree wajjin oole
dhuufu bara
Furrooftu haatu lama hin
dhugattu
G
Gabaabadhu iyyu anumatu
abbaa keeti jettiharreen gaangeedhaan
Gaabii fi eegen boodde
deemti
Gaada itto marqaa nyaatu
Gabaafi kajeellaan ganama
nama darba
Gadheen yeroo namati himattu
ni boossi, yeroo itti himatan ni kolfiti
Gaafa hatuun heerumtu
galaanatu guuta
Gaafii gaaf harreen sa’a
dura galti
Gabaa Leeloo Jimmaa
dadhabaan hin oolu, gabaa Tuuchoo Duubee danqaraan itti oofu
Gaggabsaa eelee jelatti
xuwwe
Galaa fi itto gara boodde
miidhu
Galaa sanyii lakkaa’uun,
akaakayyu ga’ee dhiba
Galata habiituniiti rafte
dhungata
Garbitti lubbuuf kaatu
ollaan colluma se’a
Garbttiin gargaarsa argatte
maji dhoksiti
Garbittiin gaafa masqalaa
bitani gaafa hundumaa quufa seeti
Gaariin mudaa hin dhabdu,
hakkifatte liqimsiti
Gegeesituun manaan hin geesu
Gooftaan koo gooftaa qabaa
jedhe namichi
Goopho akkuma isaatti
awwaalu
Goorro abbaatu hordata,
roorro abbatu dhowata
Gowwaan bishaan keesa
ijaajje dheebota
Gowwaan cabaa tuffatee
hagabu bula
Gowwaan dubbi hime hin himin
jedhe kadhata
Gowwaan/Kan akaayi nyaatu/
du’a abbaa isaa kolfa
Gubatte hin argin
madaaabiddaa
Guddaa naqaniif qoricha hin
ta’u
H
Hafuura ajaa’uufi dubbii
busaa’u abbaan of irratti hin beeku
Haadhagabaabdu, ijooleen
hirdha seeti
Haati akka bartee, hintali
akkaagarte
Haati mimixaa ‘kan kootu
guba jetti’
Haati hattuun hintala hin
amantu
Haati sirbaa mudde, sirbi
bishaan dhugde
Haguugatte hagdii, hudduun
qullaa
Hamaan afaani, na
rukkuchiiftee jedhe mataan afaaniin.
Hamma diinni kee dhufuti
ratta’i
Hamma hidhataniti ni
marxifatu
Hamma ishe jaallatan hin
beektu, adraa du’a koo jetti
Hamma namaa hin beektu,
cabsa namaa hi teessu
Hamaan hamaadha dhaanen
bo’icha dhowwa
Harka namaatiin abdda
qabachuun nama hin dhibu
Harkaan dhaabani, buqisuu fi
dabokadhatu
Harkii dabaree wal dhiqa
Harreen wal dhiitti male,
ilkaan walitti hin fixxu
“Heeruma koo heeruma hin
ta’in, harmee koo biraa bane, kal’e koo bishaan nyaate”
Hin lixu hin ba’u, farad
gola lixe
Hin lixu hin ba’u, kaku
rakkisi
Hindaanqoon ofiin galti,
reettiin galchaa eegati
Hiriyaa male adeemtee, gala
gegeesaa dhabdi
Hiriyaan nama dagura,
wuchiroon nama dagu wayya
Hokkoon gara ofisheeti haati
Hoolaan goftaa cimaa qabdu,
duboo ala keesee rafti
Horiif maraatu hidhaatu
danda’a
Hormi ni rafaafi jaamaan ol
dabartii
Huqqattu fuunyaan furridha,
haadhaa fi abbaati qumbidha
Huqqattu haatu lama hin
dhungattu
I
Idaa hin quuftu, waasi naa
ta’i
Idaan guddaa wayya, hir’uun
gadi fago wayya
Ijoollee dhalachu dhiba
Isa jaamaaf kaa’ee inni ija
qabu argee hin fudhatu
Isa kaameetiin itti jirtu
moogeen quba hin abdu
Isa taa’e ilaaluu fi daakuun
boqqollo dimblaala
Ishee xinnon akka agarte,
ishee guddoon akka barte
Itti fuudhaa dhukuba amaatii,
itti hin qalan, biraa hin galan
Itti fuudhaan natti fuudhee,
hintala abbaa qoro na fuusise, adaraa abbaa koo naan jetti
Itti harkisaan itti uwisaa
hin ta’u
Itto qallo abbaatu furdifata
Iyyeesa garaa kutate,
bishaanraafuutu gabbisa
Iyeesa yeroo lafa bultii
dhowwu dhuufuu itti buusa
Iyyeesi cabaa tufate,
hagabuu bula
Iyyeessi fi abiddi tutuqaa
hin jaallattu
J
Jaallatanii hin godoomani,
waaqatu fondoge namauuma
Jaarsii ijoolee wajjin
nyaate lamuu nyaata
Jaartiin deemsa guddattu
mana namaa kesa gubatti
Jabaan jabaadha, dhaane
boo’icha dhowwa
K
Kajeeltu lamaan wali hin
jaallattu
Kaleesa harre yaabdee, har’a
yaa lafoo jetti
Kan abbaara beeku budaadha
Kan abbaa isaa yanboon
ajjeefte, muka gubataa baqata
Kan argatanira kan abdatantu
caala
Kan ciisichatti jibbani
kaate ijaajite
‘Kan dandeesu dhaani’
jennaani gowwaan gale niitii dhaane
Kan deegaati roorisu hin
badhaadhu
Kan dubbii namaa barbaadu
udaan namaa keessa muka kaa’a
Kan gaalchaan hin beekne,
itti himan iyyu hin bartu
Kan gabaa dhaqu mucaa isaa
ajeesa
Kan gagabuti, kan cichu
dhufe
Kan ganna qotani bona haamu
Kan ijoollee wajjin nyaate
lamu nyaata
Kan jiruu hin qabne
dhangalaase funaana
Kan mari’atejibicha gurguree
kan hin mari’atin goromsa gurgure
Kan namaa dhimme baala
misiraati namaa bixxila
Kan namnii nama arabserra
kan abbaan of arabsetu caala
Kan rakkatte ulfafuudhe
sadii ta’ee wajjin gala
Kan Waaq jaamaaf kaa’e, inni
ija qabu argee hin fudhatu
Kan waraabeessa yaabe ‘sin
uddeelladha’ jedha
‘Kana iyyu warri
raftnaani’jette sareen dhagaa wal araabsifte
‘Kanumaaf boosuma ba’uu’,
jette boosaan corroqaan fuula dhiqattee
Karaaf halagaa/garaa tu
gargar nama baasa
Karaan gabaatiif karaan
jabaa bukkeedhaani
Karaan sobaan darban
deebiiti nama dhiba
Keessa beekititu nama
ajjeesa
“Keesaa kaa’an malee, keesaa
nyaatan malee, billiitiin hindaanqo 12” jennaani, “keessaa kaa’us siifi,
keessaa nyaadhus siifi, gasam’alaa ati hammanaa” jette jaartiin
Keessumaan namaa rafte hamma
namaa galte
Kootiin kan ofitii, keenyaan
kan warraati
Kormii sare isumatu seera
dhaaba, isumatu dhagaa araaba
L
Lafa abbaan qotee of dhaabee,
eenyutu nama buqqisa
Lafa cite dhukuba
Lafaa fi lafeedhaaf du’u
“Laftis ba’ii” jette
jaartiin sireraa kuftee
“Laga marqaa jennaan,
ijooleen boojjitto guurtee yaate
“Lamahin jiru” jedhe Shiri
Kubi
“Lama na in fuunfatan” jette
jaartiin
M
Maal habaasuu fi dhama raasu
Malaan malaa uru
“Mana aayyo koon dhaqa
jettee goraa bira hin darbin
Mana ganama badee galgala
hin eegani
Manaa baqqo jirtti,
baqqodhaa godo jirtti
Maraatuu fi hori hidhaatu
danda’a
Maraatuun waan namaa fuutee,
hin kennuu maraatii
Mariyataan gowwaa hin qabu
Maasi iyyeessaa wuchirootu
ajjeesa
M“ee hin caalin’ jette
jaartiin jaarsa ishe waamu barbaadde
“Mi’aa sibiilaa gaangootu
beeka” jedhe Leello Jimmaa
Mi’awal fakkaatu wal bira
fannisu
Michuun saphaliisa cuquliisa
michuun gingilchaa gundoodha
Miidhaga yaadanii, miidhama
hin yaadani
Miilla lama qabaataniif muka
lama hin yaabani
Mixiin hidda qabatte laga
ceeti
Mucaa keetiin qabi, mucaa
koo naa qabi
Mucaa furrooftu, haatu lama
hin dhugattu
Muka jigeetti qotton
baay’eedha
N
Nama farda barbaadu gurratu
gurum gurum jedha
Nama hamma Sanbataa abdatan
hamma Dafinoo namaa ga’uu dadhaba
Nama jibicha qabu, sangaa
hin dhowwatani
Nama lafee qabutu lafee
nyaata
Namni akkaayii nyaatu du’a
bbaasaa kolfa
Namni bofarraa goree, bofii
namarraa goree, karaan giddutti hafe
Namni hamaan dhibba
liqeefatee tokko tokkoon deebisa (The whole is greater than the sum of the
parts)
Namni qodaa naaati nyaatu
hin arraabbatu
Namni waaqa isa isa
dhukubsachiise dhiisee, nama isa dhukkuba gaafachu dhiise komata
Namni waraabessa yaabe sin
uddeelladha jedha
Natti hin hafin jettee,
dhabduun facaafatte
Niitii abbaa manaatu gara
hudduu baata
Niitiin afaan kaa’a barte,
kabaluuf jennaan afaan bante
Nyaadhu nyaadhu gara fira
keetti galagali hooqisi
Nooriif bazgeeritu midhaan
koo fixa
O
Of hin beekneen, ‘jaarsa
keerra jaarsa kootu caala, bukoo naa liqeesi ’ jetti
Ollaaf kositti gadi ba’u
Ollaan bultte beeka, akka
itti bule abbaa beeka
“Oluma” jedha warri mana
xinnaa
Okkoon garuma isheetti
kotaati
Ormaaf itto gara duubaa
miidhu
R
Rakkatu gala, dhiphatu fira
bara
Q
Qunceen ganama jiisan hin
cittu
Quufan male hin utaalan,
utaalan male hin caban
S
Siqee dhufe jette jaartiin
bakakaan mana bukkeetti bunaan
Sodaataa hin bitin, jiilaa
biti
U
Barcumaafi ulfina abbaatu of
jela baata
W
Walii galan alaa galan
Y
Yaaq siifan ka’a, achumaanan
gaayyaa koo fudhadha jette jaartiin
Yoo ol fiigu dadhabani gadi
susuku |